Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromiyaa gara Bahaa naannoo Jijjigaatti waraanni Wayyaanee dhukkuba HIVn dubartoota galaafachaa akka jiran gabaafame.


(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 16, 2008) Odeessi Baha Oromiyaa irraa nu dhaqqabe akka mirkaneessutti, waraanni wayyaanee dalagaa badiif bobbaafaman, Godina Harargee Bahaa naannoo Bobbaasaa je'amtutti, dubartoota fi shamarran hojii daldalaa irratti bobba'an, seeran ala kotorobaandii Somaali-Laandi irraa galchitan maqaa je'uun dharaan erga qabaniin booda humnaan gudeeduun dhibee HIViif saaxilaa jiru.

Dubartoota fi shamarran waraana wayyaaneen gudeedamaa jiran kun irra jireessi isaanii Oromoo hoggaa tahan, humna waraana sirnichaa keessaa namoota dhukkuba HIV qabaniin yakki kun irratti adeemsifamaa akka jiruutu gabaafame.

Loltoonni sirnichaa HIV qaban ajaja ajoota waraana wayyaaneen akka hawwanii fi shamarran Oromoo humnaan gudeedanii dhibee balaafamaa HIViif saaxilan godhaa jiru jechuun oduun nu ga'e ni hubachiisa.

Waan taheef ummanni naannichaa loltoota wayyaanee isa balleessuuf itti bobbaafame dura akka dhaabbatu, akka of eeguu fi gochaa kana akka balaaleffatuu qabu Sabboontonni Oromoo dhaamsa dabarsu.

Gama biroon naannoo Kabiibatti waraanni wayyaanee humnaan manneen jireenya ummataatti galanii bulaa akka jiran hubatameera. Kunis WBO fi ABO barbaacha maqaa jedhuun ta'uun barameera.

Naannoo Jijjigaattis ummata aradda araddaa irraa walitti qabanii if saaxilaa jechuun hiraarsuu irratti argamu. Somaali-Laandi irraa meeshaaleen takka illeen akka hin seenne uggurri kan kaayame hoggaa tahu, qabeenyi ummataa kanneen akka dukkaanas wayyaanotaan saamamaa jira.

 

*******


Faashistoonni ilmaan Tigraayi Wayyaanonni ilmaan Oromoo falmaa irratti harka isaanii bu'an yakka dhala namaa irratti hin raawwatamneen gidirsuun J/Laggasee Wagii irratti akka ololan dirqaa akka jiran saaxilame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 16, 2008) Sirni Wayyaanee miseensota WBO falmaa irratti harka isaa bu'anii mana hidhaa Qaallittii keessatti dararaa jiru, Gooticha Oromoo Jaal Laggasaa Wagii irratti akka ololanii fi diraamaa dharaa akka irratti qindeessaniif gidirsaa jira.

Odeessi mana hidhaatii bahu akka mirkaneessutti, humnoonni tikaa Wayyaanee diraamaa dharaa J/Laggasaa Wagii irratti hojjadhaa maqaa je'uun ilmaan Oromoo kanneen hiraarsuu irratti argamu. Laggasaan qabeenya ummataa samaaa ture, rakkina hedduu hedduu ummata naannichaa irraan gahaa ture je'aatii diraamaa hojjadhaa jechuun toorchi godhaa jiru.

Diraaman hidhamtoota dirqisiisuun hojjatamaa jiru kunis yo xumurame akkuma fiilmii ololaa fi dharaa wayyaanee Saharaa Barahaa jedhu sanaa kan qilleensa irra oolfamu ta'uu maddeen keenya gabaasaniiru.

Mootummaan faashistii wayyaanee Fiilmii Dokmentarii dharaa qopheessuun reeffa goota Oromoo Jaal Laggasaa Wagii falmaa haqaa irratti wareegametti taphachuun isaa ni yaadama.

Mootummaan farra nageenyaa tahe kun seera addunyaa caphsuun gochaa reeffa dhala namaa irratti hin dalagamne reeffa goota Oromoo kana irratti dalaguun isaa gaddisiisa fi diinummaa daranii Oromoof qabu kan saaxilee dha jechuun sabboontotni aarii isaanii mul'isaniiru. Akeekni fiilmii kanaa ammoo ummata Oromoo hamilee cabsuun qabsoo mirga abbaa biyyummaa isaaf godhu irraa akka dhaabbatu gochuuf ta'u illee, Oromoon gonkumaa kanaaf hin jilbeenfatu; qabsoonis roga maraan jabaatee itti fufa jechuun sabbooontotni Oromoo yaada SBOf erganiin ibsaniiru.


********


Waraanni goolessituu wayyaanee Godina Baalee fi Godinoota Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman ummata dararuu itti fufan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 16, 2008) Akka gabaasaa maddeen keenyaatti loltoonni Wayyaanee WBO sakatta'uufbobbaafaman Godina Baalee bakkoota hedduutti ummata nagaa maqaadeeggartoota ABO je'uun hiraarsaa jiru.

Godinoota Harargee Bahaa fi Lixaa keessattis waraanni Wayyaanee WBO sakatta'uuf bobba'e ummata irraan miidhaa ulfaataa geessisaa jiru. Haaluma kanaan Godina Harargee Lixaa Onoota Daaroo Labuu naannoolee akka Sakattee keessatti ummata gidirsaa ajiran. Kana malees, citaa ummanni beela bonaaf horii isaaf kuufate gubuun beelayladoonni isaanii hoongeen akka dhumatu godhaa jiru.

Gama biroon waraanumti Wayyaanee kun malkaa ykn laga ummanni horii isaanii obaafatuu fi waraabbatu irra qubachuun ugguraniiru. Kana irraa hanqinni midhaanii fi bishaanii beeyladootaa fi namatti uumamuun barameera. Jiraattota naannichaa afaan laggeenii qubatanis humnaan buqqisuun bakkoota murtaawetti walitti qabanii miidhaa ulfaataa irraan gahaa akka jiran odeessi kun ifa godha.

MOA



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net